BNC (Billinar Nexst Chanc) dhaabbata jijjiirama jireenyaa fiduuf hundaa’e yoo ta’u, kaayyoon isaa dargaggoota, hojjettoota, barattootaa fi namoota gara fuulduraatti milkaa’ina barbaadaniif karaa haaraa banuudha.
BNC namni kamiyyuu dandeettii dhokataa akka qabu amana. Dandeettiin kun yoo sirriitti hojjetame, namni tokko jireenya isaa qofa osoo hin taane hawaasa isaa fi biyya isaa illee jijjiiruu danda’a. Kanaaf BNC kaayyoo isaa guddaan dandeettii nama keessa jiru sassaabuu, guddisuu fi gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruu dha.
Dhaabbatni kun barsiisa, leenjii, gorsaa fi tumsaa irratti hundaa’uun namoota yaada isaanii akka jijjiiratan, akka of amanan, akkasumas akka of ijaaratan gargaara. BNC keessatti milkaa’ina jechuun qabeenya qofa osoo hin taane, nama guutuu ta’uu, itti gaafatamummaa fudhachuu fi jireenya irratti mul’ata qabaachuu dha.
BNC amantaa cimaa qaba: jijjiiramni dhugaa jalqaba sammuutti ta’a. Namni yaada isaa yoo jijjiire, jireenya isaa ni jijjiira. Namoonni hedduun yoo jijjiiramani, hawaasni ni jijjiirama.
Kaayyoon keenya dhaloota haaraa kan ofitti amanu, ogummaa qabu, dinagdee irratti hubannoo qabu fi jireenya isaa irratti qajeelfama sirrii qabu uumuudha.
BNC namoota hundaaf banaa dha—barattoota, daldaltoota, fi namoota gara milkaa’inaatti tarkaanfachuuf qophaa’an hunda simata. BNC keessatti namni hundi bakka itti guddatu, itti baratu fi itti of ijaaru ni argata.
Back to Home